WAANTI CUBBUUTI NAMA GEESSUU INNI GUDDAAN HIRIYYAA SOBAATI!
. Hiriyyummaan hariroo namoota 2 fi sanaa ol giduutti Argamuudhaa Hariiroon kun naamusaaf dhugaa irratti kan hundaa’e yoo ta’ee, hiriyoota irra darbe namatoota kaniifu bu’aa busuu danda’a.sun ta’uu batee sobaan masakamnaan garuu midhaan inni qabu cubbuuf nu saaxilaa! Hammaatadha,
Madaa hiriyyaan sobaa madeesu irraa fayyuun nu ulfaata.
Hawwaasa keessa guutani jiru namoonni hiriyyaa sobaan miidhaman,kaan onneen cabee, inni kaan sammuu itti dhabee namoota danuutu godaniisa hiriyyaa sobaa of irratti baatee dema.Hiriyyaa sobaa irraa diina dhugaa wayya; kan jedhan soba miti.
Obbolee koo waa siti himuu?! Hiriyyaan gaafa ho’aa sitti ho’isee. Gafaa qorraa si baqatu sobduudha! Yeroo ati qabdu kolfaan si siimatee Guyyaa Rakkina kee kan nyaara Guuru irraa Of Eegadhuu.Hiriyyuumma dhugaan ifa keessatti Qofa mitti.
Gaafa dukkanaas waal faana Jooruu qabu.
_Gubatte Hamma Argitutti ibiddatti Gamuun sirra hinjiraatu!
Abshaali Gubatee Gubaa ibiddaa bara osoo hin taane kan gubate irraa barata! Asi Abshaala ta’uu qabda,
Haar’uma irraa Eegali Hiriyyaa kee ija qalbiin ilaali. Bara kana waanti Bay’ee nu rakkisa jiru.Hiriyyaa dhugaaf hiriyyaa Soba Adda Basuu dadhaabuu,dha
Jaalala afaanii moo onnee irraa dhugumaa si jaallata??
siraa barbaadee mmoo si barbaadeeti?
yeroo keeti Fayyadamuu barbaada mmoo yeroo keeti sii Fayyadaa?
waalumaa gaalti
Boru gaabuu keerra amma adda baafachuun gaaridhaa.
Namoonni tokko tokko.hawwiin foonni yeroo yaada isaa seenuu. Hiriyyaa dhugaa fakkataani jeechaa Hafuraa keessa sii basu sitti hassayuu barbaaduu!
Maqacaafan Qulqulluu waayii namoota yaada fooniin gaggeefamni maal jeedha?
Rom/8/5
Warrii akka fedhaa foniitti jiraatan yaada isaani fedhaa fonni iraa dhaabaniiru! Warii akka fedhaa hafuuraatti jirtaan garuu, waa’ee waan hafurraa in yaadu. Yadda ofi fedhaa fonniti hidhuun du’a in fida;
yaada ofi fedhaa hafuuraati hidhuun garuu, jirrenyaa, nagaa,in fida
Akka fedha fooniitti yaaduun diina Waaqayyoo nama godha; yaadni akkasii seera Waaqayyootii wajjin walii hin galu; isaaf abboomamuus hin danda’u. Warri akka fedha fooniitti jiraatan,Waaqayyoon garaa ciibsuu hin danda’an.
dhugaa siti himu Namni YKN Hiriyyaan si jaallatu siif du’a otoo hin tanee siif kabalamuu danda’aa.maalif yoo jetee namni namaf du’uu hin jiruu. Namaf kan du’ee GOOFTAA YESUUS qofa. si jaalladhaa jedhee afaaniin baay’ee dubbadheef dhugaa hin ta’u!
Kanaafan adda baafadhu siin jedhe!.
AMALOOTA HIRIYYAA SOBA
/Hiriyyaan sobaa summii qoricha fakkaatudhaa. Qorichii ni fayyisa,garuu summiin namaa fayyaa ajjeessa.Hiriyaan soba akkasi Qorichaa fakkaatee sitti dhufa,garuu inni summiidha.si fayyisa.sii gargaara osoo hintaane si ajjeesa!!
kanaaf hiriyyuummaa soba irraa fagaadhu.
Namoota wanta si dhungchaa jiran fakkeessani si ciniinuu yaadaniifi yaalan hiriyyaa kee mitti. Isaan diina diina caaluudha!
Namoonni Baayeen si jaalatu garuu siitti hin himan Namoonni Baayeen immoo si jibuu garuu sii jaalatuu Fakkatuu. Kanaf Hiriyyaan atti waalin jirtuu isaa&ishee kami? Adda basi.
yeroo hiriyaa soba waliin jiraatu hin gufaata cubbuuti galtaa. Waaqayyoon walitti butaa.
Keessi kee Boqannaa hin qabu.
sammuun kee Jeqamaadha. Karooraa kee biraa hin geesuu. Gammachuu qaba fakkataa garuu keesii boqanna hin qabu.kanaf wareen akkasii adda baafadhuu.irraas fagaadhuu!
qulquluun hogannami
Sobaan Nama jaalachuun ammaf Gammachuu boriif cubbuudha!
Eebbifamaa