Wednesday, December 27, 2023
Seenaa

KAAYYOO FI MUL’ATA.


Addunyaa kana irraati wanti nama miidhu.qabeenya dhabuu osoo hin taanee.kaayyoo dhabuudha.

Mul’ata jechuun wanta qabatamaa ykn wanta harka namaan YNK ijaan hin mul’annedha.
Kayyoo jechuun mul’ata fuulduraati!

_ Nama kaayyoo hechuun wanta gara fuulduratti ta’uu qabu kan yaaduu fi karoorsudh.
_Namni kaayyoo hin qabne mul’ata hin qabu!
_mul’ata hin qabdu taanan; karoora hin qabdu!
_karoora hin qabdu taanan; yeroo kee hin to’attu!
_Namni yeroo ofi hin to’anne; Eessa akka jiru hin beeku!
_Namni bakka jiru hin beekne immoo.jirreenya jiraachaa jira hin jedhamu.kanaaf jooradha!
Namni lafa kana irra jirratu hunduu mul’ata qaba.garuu haalli itti fayyadamaa isaa gargari!

FAKKEENYAA KANA HUB.

_Joobiraa fi Lukkuu ilaalaa.
Akkuma beekamu joobirrii fi lukkuun waalfakkaatu Akkuma wal fakkaatan immoo garaagarummaa qabu.

A/TOKKUMMAA JOOBIRAA FI LUKKUU
_ Lukkaa lama lama qsbu
Qovhoo lama lama qabu
Lamaan isaanii hanqaaquu buusu.

GARGAARUMMAA JOOBIRAA FI LUKKUU

Jireenyaa joobiraa. ilaalaa
_samii irra. Foon sooraya,
_Deemsa kam lakkaa’amu deema
Ofi isaatiif ofbulcha.

/LUKKUUN IMMOO

Kan jiraattu lafa irra; keessaayyuu immoo kosii KAAYYOO FI MUL’ATA.!
Kan soorattu raammoo. Deemsi isheellee meetira. M. Akka ta’e.

/JOOBBIIRRI. yeroo hunda kaayyoo isaa samiirra olfagaachudha.
/LUKKUUN garuu yeroo hundaa kosii barbaadudha.Barri ishee akka dhumaa jiru isheef hin galle.
Obboleessaa, koo obboleettii, koo ilaalichi kee hoo akkami dha?! Maali yaadaa jirta?
ilaalcha haaraaf kutannoo haaraan lafa jirtu kaati!
Humna kee,qabeenya kee, beekumsa kee guutuun waaqa keef hoojjedhuu! Gonfoo wara moo’anii fudhadhu.
Hojiin itti dadhaban hundinuu bu’aa qaba, haasaa duwwaan garuu deegatti nama geessa; gonfoon afchaalotaa ogummaa isaanii ti, gonfoon gowwootaa garuu dhibaa’ummaa isaanii ti.
Macaafin Qulqulluu waa’ee joobiraa maal jedhaa.
warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka’u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan. M/Isa.40/30!

Jireenyaa hafuuraa ofirratti abuu fi karoora ofii kee gahuf Akka joobira humna haaraa.yoo qabatan!
Jijjiiramni waan namni dhuunfaan tokko yookaan qaamni biraan wayii namaaf hiixatu yookaan namaaf bocu osoo hin taane, ifaajaa fi fedhii ofiitiin kan namaa argamudha. Akkanuma sababni jijjiiramaa dhiibbaa keessaafi alaa ta’uu danda’a. Garuu, jijjiiramni inni sirriin isa keessaa eegaludha. Jireenya kee keessatti namoota mul’ata kee deeggaranii si waliin fuula duratti deeman adda baafattee beekuun ogummaadha
!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *